Dubartiin areeda baasuu saayinsiin maal jedha?

Dubartiin areeda baasuu saayinsiin maal jedha?

Ayyaantu Admaasuu ogummaa hakima beeyladaatin Yuunivarsiitii Wallaggaa irraa eebbifamte. Dhalattee kan guddate Qeellam Wallaggaa Dambi Doollotti.

Shamarreen kun gaafa umurii dargaggummaa seentu irraa kaasee wanta shamarran irraatiin adda ta'e ishee mudachuu ofirratti arguu eegalte- akka dhiiraa areeda baasuu eegalte.

Dubartoonni akka dhiiraa areeda baasun waan baramaa ta'uu baatus darbee darbee akka mudatu ragaaleen saayinsii ni agarsiisu.

Shamarree Ayyaantun yeroo daa'ima xiqqoo turte qaamni ishee guutun dabbasaan akka itti baay'atuufi yeroon booda irraa baduu himte.

"Daa'imummaa kootti qaamni guutun rifeensa baay'ee qaba ture jedhu maatin koo. Yeroon booda inni badee gaafan umurii dargaggummaatti seenu areeda ta'ee haaraa biqile. Umuriidhuma dargagummaattan rifeensa [areeda] isa kana arge," jetti.

Jalqaba gaafa areeda akka dhiiraa fuulasheetti biqiluu argitu aartee of jibbaa akka turte dubbatti Ayyaantun.

"Namni gaafa na argu shamarran kan biraa irraa adda ta'ee na argu waan ta'eef jechoota garaa garaa jedhu. Maal akkamitti akkas ta'a jedhee areera. Fuularraa namatti jajjabaata waan ta'eef natti hin tolle gaafan jalqaba arge," jetti.

Mudannoo addaa

Shamarree Ayyaantun yeroo garaa garaatti mudannoon heddu akka ishee mudate dubbatti.

Keessumaa erga bakka dhaloota ishee Dambi Doollodhaa baatee gara Yuunivarsiitii Wallaggaa, Naqamtee deemtee mudannoo heddu qabaachuu himti.

"Bakkan dhaladhetti namoonni baay'en na beeku waan ta'eef homaa naan hin jedhan. Ergan achii deemee [barnootaf] namoonni na dheensan jiru, kan nahus jira, kan arrabsus kan nan jajus jira.

"Tarii mucaan kun 'noormaalii' miti kan jedhanis turan," jechuun guyyaa manaa baatu hundumaa mudannoo akka hin dhabne himti.

Keessumaa haala nageenyan wal-qabatee qaamoleen nageenya nama kaan irraa bifa adda ta'een akka ishee qoratan dubbatti Ayyaantun.

"Yeroon Dambi Doolloo jiriyyuu waraqaa eenyummaa qabadhu malee suuqii dhaqee waa bitee hin deebi'u. Dhiirumatu mataa isaa akkas godhatee magaala lixe jedhanii na qoratu," jetti.

Mudaannoon biraa Yuunivarsiititti Ayyaantuu mudate, waggaa jalqabaatti daree keessatti guyyaa tokko barsiisan ol seenee barattoonni maqaa isaanii himatanii akka of beeksisan gaafata.

Isheenis "Ayyaantun jedhama" jettee gaafa of beeksiftu, barsiisichis "maqaan keefi fuulli kee tokko miti" jedhee dubara ta'uu ishee shakkaa akka ture yaadatti.

Boodarra "ani areedan qaba malee dubara" jettee erga amansiistee booda barsiisichis amanee akka ture mudaannoo isheen BBCtti himte keessayi.

'Akkawoon kiyyas qabdi'

Shamarree Ayyaantun areeda baasun ishee kennaa akka ta'eefi namoonni hedduun akka hin aaddanne akka itti himan dubbatti.

Jalqaba yeroo areeda ofirratti argitu afirraa muraa turte. "Ofirraa balleessudhaaf jedhee qoricha garaa garaan itti dibaan ture. Maatin koo garuu akkan hin balleessine na jajjabeessaa turan.

"Harmeen koo inumaayyuu mucaan koo akka haadha kiyyaa areeda qabdi jettee baay'ee gammaddi," jechuun akkawoon ishee areeda akka qaban maatii isheerraa akka dhageesse himti.

Inumaayyuu hiriyaan ishee areeda ishee jaalatee jaalalaaf akka ishee gaafate himti. Erga hiriyaa ishee waliin jaalala jalqabanis "kun kennaa Waaqati waan ta'eef hin murin jedhee na jajjabeessa" jetti Ayyaantun.

Ofii dubartiin areeda baasun kennaadha moo dhibeedha?

Yuunivarsiitii Ambootti ispeeshaalistii ulfaafi dubartootaa (Obstetrics and gynaecology specialist) kan ta'an Dr. Addisuu Girmaa, areedas ta'ee rifeensi dhiira qofaa irratti bahu dubartii irratti baanan akka hawaasa keessatti "kennaa Waaqati" jedhamu osoo hin taane dhibee akka ta'e BBC himan.

Dhiironni uumamaan fuulaafi laphee irratti rifeensatu irratti ni biqila. Dubartiin ammoo uumamaan rifeensa kana hin biqilchitu.

Kanaaf akka Shamarree Ayyaantuu dubartiin areeda biqilchinaan mallattoo dhibeefi yaalii illee akka qabu dubbatu Dr. Addisuun.

Dhibeen kun afaan saayinsiitin 'hursiitizim jedhama. "Dhibeen kun guutummaatti dhibee dubartiiti, kan dhiiraa miti," jedhu Dr. Addisuun.

Sababni dhibee 'hursitism' maali?

Dhibeen dubartiin akka areeda ykn rifeensa dhiirri qofti baasuu qabu akka baastu ishee taasisu ykn 'hursiitizim' akka uumamu kan godhu hormoonin dhiiraa andiroojiinii jedhamu yeroo dubartoota keessatti hammi isaa baay'atu akka ta'e ragaalen garaa garaa ni agarsiisu.

"Keesumaa hormoonin dhiirotaa testestiroonii dubartii keessatti gaafa baay'atu dhibeen kun isaan mudata," jechuun ibsu Dr. Addisuu Girmaa.

Hormoonin dhiiraa testestiroonii jedhamu hangi isaa baay'ee xiqqaa ta'e uumamaan dubartoota keessatti kan argamu yoo ta'u, fayidaa heddus qaba.

Hormoonin kun hanga isaa sirrii yoo ta'e, "ijaaramuu maashaalee fi fayyina lafee dubartootaa keessatti ni fayyada. Akkasumas dubartoonni si'aayina saal-qunnamtii akka qabaatan godha," jedhu.

Hormoonin dhiiraa kun dubartoota keessatti sadarkaa lama akka qabu himu: "Giddugaleessan yoo olka'e dhibee akka hursiitizim [dubartiin areeda baasuu] sana fida. Gar-malee yoo ol ka'e ammoo 'veralaayizeshin' waan jedhamu fida.

"Warri 'veralaayizeeshin' ta'an ammoo mataan akka dhiiratti molaa'uu sagaleen akka dhiiraa furdachuufi maashaan akka dhiiratti ijaaramuu fa'aa irratti fida," jedhu.

Ayyaantun garuu hanga ammaa areedi irratti bahuun alatti jijjiiramni gara biraa homtuu akka irratti hin mul'anne himti. 

Gama biraan ammoo waa'ee areeda baasuu ishee yaala fayyaa akka taasiftuuf ogeeyyin fayyaa ishee gorsanii ogeessa fayyaa kanarratti ogummaa qabu bira deemuf erga beellamtee booda osoo bira hin deemin carraa barnootaa argatee naannoo isheen jirtuu akka deeme BBC'tti himte.

"Ergasii anis maalan godha jedheetuman dhiise," jetti.

Hormoonin dhiiraa dubartoota keessatti heddummachuun dhibee kanaaf akka saaxilaman wantoota godhan keessaa tokko dhibee Polycystic Ovary Syndrome (PCOS) jedhamuudha.

Ragaan fuula John Hopkins Medicine irraa arganne akka ibsutti, Polycystic Ovary Syndrome kan uumamu ovaariin dubartootaa hormoonii dhiirotaa andiroojiinii jedhamu hangi isaa sirrii hin taane yeroo omishuudha. Kuni ammoo marsaan laguu dubartootaa yeroo isaa eeggatee akka hin dhufne taasisa.

Sababni dhibee 'hursiitizim' harki 80 ol dhibee Polycystic Ovary Syndrome akka ta'eefi qorichoonni dhibee birootif fudhatamanis hormoonin dhiiraa dubartootaa keessatti akka dabalu gochuu akka danda'u ibsu Dr. Addisuun.

"Fakkeenyaf qorichi dhibee gaggabdootif fudhatamu hormoonin kun qaama dubartii keessatti akka ol ka'u gochuu danda'a. Hormooniwwan xannacha adireenaaliinii irraa ka'an illee hormoonin kun dubartoota keessatti akka dabalan gochuu danda'u," jedhu.

Dhibeen 'hursiitizim' sanyiidhan daddarba jedhamuu baatus namoonni maatii isaanii keessaa waan akkasii qaban carraan qabamuu isaanii akka jiraachuu himu ogeessi fayyaa kun.

'Furmaata qaba'

Dubartoonni dhibee areeda baasuu ykn 'hursiitizim'dhaan qabaman dafanii waldhaansa fayyaa akka argatan ogeeyyin fayyaa ni gorsu. Kunis dhibichi dudduubaa rakkoo wal xaxaa qabaachuu isaati.

Dubartoonni dhibee kana qaban sababa sadiif akka qorannoo taasisan akka gorsan tarreessu Dr. Addisuun: "keessumaa xannachi ovaatii ykn adireenaalii irraa ka'u [dhibee] 'hursiitizim' caalaa rakkoo fayyaa dubartiirratti geessisuu danda'a.

"Kan biraa ammoo dhibeen Polycystic Ovary Syndrome rakkoowwan biraa kanneen akka dhibee sukkaaraa, maseenummaa fi keessumaa marsaan laguu yeroosaa hin eegganne yoo jiraate, rakkoo kaansarii gadameessaa of duubaa qaba," jedhu.

Rakkoon biraa dubartoota dhibee 'hursiitizim' qaban hawaasa keessatti qoosaafi qoccolloodhaf waan saaxilamaniif yaalamuu akka qaban dhaamu.

Dhibeen kun waldhaansa fayyaa kan qabu yoo ta'u dhibichi maalirraa ka'ee akka dhufe qoratamuun akka qaban himu Dr. Addisuun.

"Waanti kun dhibee Polycystic Ovary Syndrome ta'uu danda'a. Xannachi hormoonii gar-malee omishu jiraachuu danda'a. Kanaaf, altiraasaawundii ilaalamtee, hormoonin testestiroonii illee safaramee maaltu akka fide erga adda bahee booda yaalii argachuu dandeessi," jedhan.