Qabxiilee ijoon MM Abiy Ahimad ‘Seenessa Guddicha’ jechuun tibbana dhiheessan maali?

Qabxiilee ijoon MM Abiy Ahimad ‘Seenessa Guddicha’ jechuun tibbana dhiheessan maali?

Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiy Ahimad tibbana mata-duree ‘Seenessa Guddicha’ [Grand Narative] jedhuun hoggantoota sadarkaa adda addaafi bakka bu’oota hawaasaaf qopheessanii kan dhiyeessan miidiyaalee biyyaalessaan darbaa ture.

Seenessa Gudducha qopheessan kana saboota sablammootaafi uummattoota biyyattii manni-marii federeeshinii beekamtii kenneef 76 keessaa 65 kan ta’an akka irratti hirmaatan Dr. Abiy jalqabii isaarratti ibsan.

“Mariin kun Itoophiyaanonni hedduun kan irratti walgahan isa guddaadha. Galma kana keessatti nagaan taa’uu erga dandeenyee biyyi keenyas nagaa ta’uu ni dandeessi” jechuun jalqaban.

Seenessa Guddicha waloo

Haala qabatamaa amma jiruun kutaan Itoophiyaa kamuu qofaatti waan barbaadu ofiin guttachuu hin danda’u kan jedhan Dr. Abiy, waltumsiifi qindoomina uumuun dirqama ta’uu eeran.

“Kutaan omisha midhaaniin beekaman fakkeenyaaf Goojjam yookan Arsiin, Affaar irraa ashaboo argatu malee midhaan isaa soorataaf guutuu hin ta’u. Olladhaaf, biyyaaf, nama dhuunfaatiifuu qindoomina barbaachisa. Tokko kan kennu kan biraarraa caaluu yookan xiqqaachuu danda’a malee kennuufi fudhachuun dirqama,” jedhan.

Kana galmaan ga’uuf jechas galma waloo, galma sanarratti waliigaltee waloo qabaachuu, waliin tumsuu, kutannoo qabaachuufi harka hannarraa walaba ta’een hojjechuu akka gaafatu eeran.

“Namni hin hanne sammuunsaas, onneensaas bilisa. Waan karoorfate ofitti amanamummaan hojjeta. Hattuu yoo ta’e garuu hammam yoo mul’ata qabaate, hammam yoo mari’ate, bu’aa buusuu hin danda’u. Ofitti amanamummaan hojjetee jijjiirama hin fidu” jedhan.

Seenessi Waloo Guddichi akka galma hin geenyeef ammoo hariiroowwan faallessoo ta’an burjaajiin, waldhibdeefi hokkorri galteewwan ijoo ta’uu akeekan.

Seenessi biyya ijaaruufis diiguufis humna qaba kan jedhan Dr. Abiy, hawaasni seenessa waloo kan qindoominarratti hundaa’e jabeessuu qaba jedhan.

Sabummaa

Ministirri Muummee Dr Abiy marii kanarratti dhimmi ijoon irratti fuulleffatan dhimma sabummaati.

Sabummaan gosa hedduu akka qabuufi galmi isaa ijoonis walitti makuu, foxxoquu, waan jalaa fudhatame deebifachuufi isa tokko kan biraatiin bakka buusuudha jedhan.

‘Sabummaan aadaa’ Hindiifi Afrikaatti beekamu akkamiin Hindoonni warra isaan koloneeffatan irraa teeknolojii qofa fudhatanii aadaa isaanii hin fudhanneefi Afrikaan ammoo waan hunda koloneeffattootaa fudhatanii teeknolojii osoo hin fudhatiin hafan wal bira qabuun ibsan.

‘Sabummaa Dinagdee’ jechuun kan ibsan ammoo Itoophiyaan biyya haala qilleensaa mijataafi humna hojjetu qabduu akkamiin qamadii alaa galchiti jedhanii xiiqeffachuu akka ta’e himu.

“Itoophiyaan haa omishitu jennee jalqabnee turre. Dhuguma waan ofii omishne kana fayyadamnaa? kan jedhu gaaffiin. Kanaaf, jecha karaa tokkoon ormi qabeenya keenyaan taphata, karaa tokkoon nuti ammoo ni kadhanna. Xiiqeffachuu, inaaffaadhaan ka’uu nama gaafata,” jedhan.

Sabummaa Dinagdee jedhamu kanaaan hojii ashaaraa magariisaafi omisha qamadiirratti jalqabbii gaariin mul’achuus himan.

“Waggaa sadan dhufanitti shakkii tokko malee biyya baay’inaan omishtuufi gabaaf dhiheessitu ni taana. Garuu gahaa miti,” jedhan.

Miira sabummaa dinagdee jedhu kanaan hojii ijoon irratti hojjetamuu qabu keessaa tokko horsiisa lukkuu fi damma akka ta’us himu.

“Omishni gatii salphaan nyaatamu akka lukkuu hin jiru. Biyya keenyatti ammoo nyaata lukkuutu qaaliidha. Kana jijjiiruu qabna. Amma lukkuu miiliyoona 41 horsiisnee jirra. Kun baayyee baayyee xiqqaadha. Namni hundi yoo kutate waggaa muraasatti miiliyoona 100 gahuu dandeenya,” jedhan.

Biyyoota lukkuu horsiisan hedduutti rakkoon galtee nyaataafi haala qilleensaa akka ta’eefi Itoophiyaan karaa hundaanuu carraa gaarii qabdutti fayyadamtee dhihootti jijjiirama guddaa fiduu akka dandeessus himan.

“Sabummaa Dingadee jennu kanaan inaaffaan kaanee osoo hojjennee lukkuufi daabboo qofaan raajii hojjechuu dandeenya. Karaa dammaatis jalqabii gaariitu jira. Qamadiin jiraatee daabboon yoo jiraate, dammi yoo jiraate, foon lukkuu yoo jiraate maal barbaanne filattee soorachuudha,” jedhan.

Karaa biraatiin Itoophiyaatti dagaagaa kan dhufe sabummaan sabarratti hundaa’eefi saba koo qofatu cimaadha kan jedhu. “Sabummaan akkanaa biyya kamittuu biyya diiguu malee ijaaree kan hin beekne,” jedhan.

“Itoophiyaa keessa IslaamniIfi Kiristaanni, Yangaatoomiifi Guraageen jiru. Waliin jiraachuu qofa filannoon jettee fudhachuudha. Waliin jiraachuun ala filannoon biraa hin jiru. Ofiif jettee nagaan jiraachuu qabda. Moo’achuun osoo jiraatee gaariidha garuu hin jiru,” jedhan.

Filannoo waldanda’uun waliin jiraachuun ala jiru hundi filannoo dogogoraa moo’annaa hin qabne. ‘‘Ajjeesuu, balleessuu dandeessa, injifannoo nuuf fidu garuu hin jiru’’ jedhan.

Sabummaa fiixeetti baheefi sirna tokkee

Dhimmi ijoon biraa Ministirri Muummee Abiy irratti fuulleffatanii dubbatan, dhimma ilaalcha siyaasaa amma Itoophiyaa keessatti dagaagaa jiruuti.

“Waggoota shantamaafi jahaatama darban sabummaa fiixee lama jiranitu Itoophiyaa keessatti dagaagaa dhufe. Sabummaa sabarratti hundaa’eefi sabummaa siivikiiti. Warri sabarratti hundaa’e sabni kiyya, afaan kiyya, aadaan kiyya miidhame kan jedhudha.”

“Gama tokkoon ammoo aadaa maal qabda, afaan maal qabda, aadaan kee afaan kee tokko jedhanii warra yaadan. Lamaanuu hammatoo miti. Itoophiyummaan sirna-tokkee qollisaadha. Adda addummaa hin fudhatu,” jedhan.

Haala qabatamaa Itoophiyaatiin ammatti Itoophiyummaan sirna-tokkees, sabummaan fiixeetti bahes akka hin deemsisne himan.

“Badhaadhinni kan jedhu afaan haa kabajamu, aadaan haa kabajamu, garaagarummaan haa kabajamu. Garuu ammoo Itoophiyummaa isa guddaa keessatti tokko haa taanuudha. Gargaarummaa keenya waliin jiraachuu dadhabuu keenyaaf sababa gochuu hin qabnu.” jedhan.

Kanaaf jechas, “Tokko haa taanu, garuu ammoo bifa tokko haa qabaannu jechuu miti. Tokko taanee biyya badhaate ijaaruu ni dandeenya,” jedhan.

Gama biraatiin sabummaan tasumaa hin barbaachisu jechuun hin danda’amu. Tasuma isa malee kan baasu furmaanni hin jiru jechuunis hin danda’amu jedhan. 

Seenessa Gudicha Badhaadhinaa

Waltajjii bakka bu’oota biyya kanaatu irratti hirmaachaa jira jedhan kanarratti hubannaafi rakkoolee seenessa Itoophiyaa keessatti mul’atan jedhan erga tarreessaniin booda paartiin isaanii Seenessa Guddicha ijaaruuf qophaa’e ibsan.

“Bara 2018 ifa abdii-irraa gara ifa qabatamaatti cehuudha. Ashaaraa magariisa, alergii qamadii, horsiisa lukkuu, kuduraafi mudura, akkasumas liqii hir’isuun biyyi kun guddachuuf abdii akka qabdu ifti xiqqaan kan itti mul’atu ta’a,” jedhan MM Abiy.

Waggoota sadan dhufan cichoominaan yoo hojjenne abdii guddina keenyaa itti mirkaneessinuufi yeroo bu’aan itti mul’atu ta’as jechuun eeran.

Waggoota sadan dhufanitis Hidhi Haaromsaa Guddichi, warshaaleen simintoo, projektoonni turizimiifi daandii hojjetaman kan itti xumuraman akka ta’es eeran.

Barri 2023 ammoo bara Itoophiyaan waan hedduun akka fakkeenyaatti ittiin eeramtu akka ta’us himu.

“Amantanis, dhiistanis bara 2023 bara Afrikaa keessaa ‘akka Itoophiyaatti qotuun, biqiltuu dhaabuun’ jedhama. Waggaa shaniin booda Finfinneen Afrikaa keessaa magaala bareedduu taati,” jedhan.

Barri 2040 ammoo Itoophiyaan guddina agarsiistuuniifi bakka isheef malu waan qabattuuf ‘Addunyaan Itoophiyaa, Itoophiyaa’ jedha,” jedhan.

“Akka Badhaadhinaatti seenessi nuti seenessuu barbaannu Itoophiyaa ofiin kadhattu osoo hin taane Itoophiyaa biyya biraa gargaartu uumudhaa.

“Keessoottis, olla waliinis nagaan kan jiraattu. Seenaa darbe kan ittiin boonamu malee madda waldhibdee akka hin taane. Itoophiyaa akkanaa ijaarra. Amma jalqabnee jirras,” jedhan.